Fana: At a Speed of Life!

Hojiirra oolmaa Imaammata Diinagdee mandhaleef hirmaannaan damee dhuunfaa murteessadha – Obbo Tamasgeen Xirunaa

Finfinnee, Hagayya 23, 2016 (FBC) – Hojiirra oolmaa Imaammata Diinagdee mandhaleef hirmaannaan damee dhuunfaa murteessaa ta’uu Ministirri Muummee Itti Aanaan FDRI Obbo Tamasgeen Xirunaan ibsan.

Sagantaan cufiinsaa torbee daldalaa mata duree ‘kan Itiyoophiyaa bitadhaa’ jedhuun guyyoota shanan darbaniif gaggeeffamaa ture bakka Pireezidaantoonni naannolee, Ministiroonnii fi dippiloomaatoonni biyyoota garaagaraa argamanitti gaggeeffameera.

Saganticharratti kan argaman Ministirri Muummee Itti Aanaan FDRI Obbo Tamasgeen Xirunaan, Hojiilee misoomaa Mootummaan raawwataa jiru keessatti hirmaannaa damee dhuunfaa dinqisiifachuun, adeemsa oomishaa, daldalaa fi dhimmoota walitti hidhamiinsa qaban ammayyeessuuf hojiirra oolmaa Diijitaalaayizeeshinii cimsuun murteessaa ta’uu himaniiru.

Bu’uraaleen misoomaa fi nageenyi damee oomishaa fi Daldalaatti gufuu akka hin taane qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Sagantichaan mariin hariiroo mootummaa fi damee Dhuunfaa caalmaatti cimsuuf dandeessisu taasifamaa fi oomishtootaa fi damee dhuunfaa raawwii fooyya’aa galmeessaniif beekamtiin kannameera jedhame.

Fireehiwaat Saffiwutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.