Fana: At a Speed of Life!

Hojiin xaa’oo biyyee geejjibsiisuu eegalame

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2016 (FBC)- Buufata Jibuutiirraa bara oomishaa 2016/2017’f kan oolu adeemsi xaa’oo biyyee geejjibsiisuu har’a eegaleera.

Sirna adeemsicha eegalchiisuurratti Pireezidaantiin Ittaanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faarah, Minitira Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee dabaltee qondaaltonni biroon argamaniiru.

Jilli Dooktar Girmaan durfamus dhimmicha ilaalchisuun qondaaltota mootummaa Jibuutii waliin mari’ateera.

Jilichis turtii Jibuutiitti taasisuun dhimmoota hojmaata xaa’oo biyyee geejjibsiisuu fooyyessuu irratti akka mari’atu ragaan Jibuutiitti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Bara oomishaa 2016/2017’f marsaa jalqabaan dooniin xaa’oo biyyee biyya keessaa galfamuu Yuuriyaa meetirik toonii kuma 51 fi 420 feete Onkololeessa 18, 2016 Buufata Jibuutii qaqqabuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.