Fana: At a Speed of Life!

Hojiin to’annoo nageenyaa tiraafikaa qindoominaan hojjetamaa jira

Finfinnee, Amajjii 23, 2012 (FBC) – Hojiin to’annoo nageenya tiraafikaa qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Geejjibaa beeksise.

Ministeerri Geejjibaa fi dhaabbileen deeggartootaa balaa nageenya tiraafikaa lubbuu fi qabeenyaa gaaga’aa jiru hir’isuuf qindoominaan hojii to’annoo naannoolee hunda keessatti gaggeessaa jiru.

Amajjii 5, 2012 irraa eegalee Ministeerri Geejjibaa FDRI, Abbaan Taayitaa Geejjibaa, Komishiniin Poolisii Federaalaa fi Biirooleen Geejjibaa naannoolee waliin ta’uun to’annoo nageenya tiraafikaa irratti qindoomnian hojjechaa jiru.

Hojiilee Poolisiin Tiraafikaa fi to’attoonni geejjibaa hojjetan caalmaatti cimsuuf walitti hidhamiinsaan balaa tiraafikaa hir’isuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Guyyaa har’aas to’attoonni kunneen magaalaa Mojootti argamuun nageenya konkolaachisaa, ariitii seeraan alaa, qorannaa waggaa konkolaattootaa, eeyyama konkolaachisummaa fi seerri qabattoo hojiirra ooluu isaa too’achaa jiru.

To’annoon qindoominaan gaggeeffamaa jiru kunis balaa tiraafikaa ga’aa jiru hir’isuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu ibsameera.

Hojiin qindoominaan nageenya tiraafikaa irratti hojjetamu kun xiyyeeffannoo addaan cimee kan itti fufu ta’uu isaa ragaan Ministeera Geejjibaa FDRI irraa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.