Hojiin mootummaa inni jalqabaa bu’uraalee misoomaa suphuu fi lammiilee miidhaman deebisee dhaabudha- Ambaasaaddar Reedwaan
Finfinnee, Sadaasa 29, 2013 (FBC)- Naannoo Tigraayitti hojiin mootummaa inni jalqabaa bu’uraalee misoomaa suphuu fi lammiilee miidhaman deebisee dhaabuu ta’u Dubbii himaan yaa’insa ragaa labsii yeroo ariifachiisa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsaniiru.
Dubbii himaan yaa’insa ragaa labsii yeroo ariifachiisa Ambaasaaddar Reedwaan Huseenii fi koomiishinarri Koomiishini Hoggansa Sodaa Balaa Mitikkuu Kaasaan haala waqtaawaa biyyaa fi sochii deeggarsa namoomaa naannicharratti miidiyaaleef ibsa laataniiru.
Ambaasaaddar Reedwaan ibsichaan, mootummaan duula olaantummaa seeraa kabachiisuun ‘yakkamtootaa adamsuu fi boqonnaa deebisaanii’ dhaaburra ga’u ibsaniiru.
Hojiin jalqabaa bu’uraalee misoomaa miidhaaman suphuu fi lammiilee miidhamaan deebisanii dhaabuu ta’uu eeraniiru.
Bakki Juuntaan dhokatee turee durfamee waan argameef, hojiin yakkamtoota seeraatti dhiyeessuus yeroo dhiyootti akka ifoomu ambaasaaddarichi himaniiru.
Koomiishinarri Koomiishini Hoggansa Sodaa Balaa Mitikkuu Kaasaan, dhaabbiilee mootummaa fi miti mootummaan deeggarsa namoomaa naannichatti taasifama jiru irratti ibsa laataniiru.