Fana: At a Speed of Life!

Hojiin meeshaalee guutuu mana yaalii kennaa addaa barnoota Buraayyuu inni jalqabaa hojjetamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2014 (FBC)-Ityoophiyaatti isa jalqabaa kan ta’ee  hojiin meeshaalee guutuu Mana yaalii kennaa addaa barnoota Buraayyuu hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii ibseera.

Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii fi ‘Steem Paawaar’ mana yaalichaaf meeshaalee guutuuf waliigaltee mallateessaniiru.

Mana barnoota kennaa adda Buraayyuuf meeshaalee damee saayinsii, teeknooloojii fi injinaaringiitin guutuuf akkasumas dhiyeessi ogeeyyii meeshaalee mana yaalii kan haammatee ta’uu ibsameera.

Proojektiin kun lammiilee Ityoophiyaa kennaa adda qaban maddisiisuuf ijaaramaa ture xumurarraa jiraachuu Ministir deetaan Ministeerichaa Dooktar Baayyisaa Badhaadhaan himaniiru.

Xumura ijaarsa proojektichaan cinaattis hojiin meeshaalee guutuu raawwatamaa jiraachuu ragaan Ministeericharra argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.