Fana: At a Speed of Life!

Hojiin manneen amala sirreessaa iddoo leenjiifi oomishtummaa taasisuu cimee itti fufa jedhame

Finfinnee, Mudde 6, 2015(FBC)- Manneen Amala Sirreessaa giddugala amala sirreessaa ta’uurra darbee hojiin manneen amala sirreessaa iddoo leenjiifi oomishtummaa taasisuu cimee kan itti fufu ta’uu  Komishinarri Olaanaa Komishinii Manneen Amala Sirreessaa obbo Daamanaa Daarotaa ibsan.

Yakka dargaggootaa, filannoowwan adabbiifi dhimmoota manneen amala sirreessaa biroorratti ogeeyyii miidiyaaleef leenjiin kannamaa jira.

Manneen amala sirreessaan walqabatee kanaan dura rakkoon ilaalchaa akka ture obbo Daamanaan yaadachiisaniiru.

Jijjiirama biyyattiitti dhufe hordofee hojiin manneen amala sirreessaa bakka itti barnoota argataniifi amala itti sirreeffatan taasisuu hojjetamuu eeraniiru.

Manneen amala sirreessaa hojii eegumsaarratti xiyyeeffachuu keessaa bahanii sirreeffamtootarratti akka xiyyeeffataniif Televizhiinii Faanaa waliin ta’uun uummatatti mul’isuuf hojjetamuu kaasaniiru.

Manneen amala sirreessaa maatii manneen amala sirreessaafi hawaasaaf banaa taasisuu hojiin eegalame cimee itti fufa jedhaniiru.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Broodkaastiing Korpreet Obbo Admaasuu Daamxoon gamasaaniin, rakkoo kanaan dura tureefi haalaan beeksisuu dhabuurraan kan ka’e dhaabbatichi maqaa gaarii horachuu dhabuu yaadachiisaniiru.

Hojiilee riifoormii dhaabbatichaan hojjetamaniin, hojiin manneen amala sirreessaa bakka itti amalli sirreeffamu, dhiifamaafi giddugala ijaarsaa ta’uusaa beeksisu hojjetamuu ibsaniiru.

Manneen amala sirreessaa iddoo itti beekumsi, barnoonniifi oomishtummaa itti mul’ifaman ta’uusaanii beeksisuuf Faanaan tamsaasa televizhiniin dabalataan miidiyaalee diijitaalaa fayyadamuun kan hojjetu ta’uu mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.