Fana: At a Speed of Life!

Hojiin loltoota duraanii galmeessuufi gara giddugalaatti walitti qabuu Waxabajjii dhufu eegala jedhame

Finfinnee, Eebla 10 ,2015 (FBC)- Hojiin loltoota duraanii galmeessuufi gara giddugalaatti walitti qabuu Waxabajjii dhufu kan eegalu ta’uu LKomishiniin Haaromsa Biyyaalessaa beeksise.

Kimishinarri olaanaan Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan, loltoonni duraanii gara jireenya idileetti akka deebi’aniifi adeemsa misoomaa, diimokiraasiifi nageenya waaraa biyyattii keessatti akka hirmaataniif hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Komishinichi erga hundaa’ee baatiiwwan sadii lakkoofsisuu yaadachiisuun hanga ammaatti hojiileen komishinicha gurmeessuu, kaayyoo isaa hubachiisuufi qaamolee deeggartootaa waliin mariin galii walitti qabuuf dandeessisu gaggeeffamuu eeraniiru.

Kana malees hoggantoota mootummaafi qaamolee dhimmamtootaa naannolee Oromiyaa, Tigraay, Amaaraa, Affaariifi Beenishaangul Gumuz waliin haala loltoota duraanii deebisanii dhaabuun danda’amurratti mari’achuun waliigalteerra gahuu ibsaniiru.

Torban kanas hoggantoota naannolee Kibbaa, Uummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaafi Gaambeellaa waliin haala loltoota kanneen deebisanii dhaabuun danda’amurratti kan mari’atamu ta’uu kaasaniiru.

Kimishinichi sagantaafi karoora waggaa lamaa loltoota duraanii karaa qindaa’aa ta’een deebisanii dhaabuuf gargaaru qopheessuu eeraniiru.

Ragaa hanga ammaatti jiruun loltoonni duraanii kuma 250- kuma 300 ta’an sagantichaan hammatamuu eeruun, kanaaf ammoo Doolaarri miiliyoonni 550 kan barbaachisu ta’uu kaasaniiru.

Hojiin loltoota duraanii hidhannoo hiikkachiisuu akkuma xumurameen hojiin galmeefi gara giddugala tokkootti walitti qabuu Waxabajjii dhufu kan eegalu ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.