Fana: At a Speed of Life!

Hojiin lammiilee balaa sigiga lafaan miidhaman dandamachisuu mootummaa naannicha waliin cimee itti fufa-TKM

Finfinnee, Adoolessa 16, 2016 (FBC)- Hojiin lammiilee balaa sigiga lafaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Goofaatti mudateen miidhaman deebisanii dandamachisuu mootummaa naannicha waliin ta’uun cimee kan itti fufu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Tajaajilichi ibsaa baaseen Mootummaan Federaalaa sababa sigaga lafaa Godina Goofaa Aanaa Keenchootti mudateen lammiileen miidhaamuun gadda itti dhaga’ame ibseera.

Mootummaan federaalaa balaa mudateen miidhamtoota dandamachiisuu, barbaacha reeffaa fi hojii lubbuu baraarsaa gaggeessuuf akkasumas sadarkaa miidhaa qaqqabee adda baasuuf Koreen Ittisa Balaa Ariifachiisaa qaamolee garaagaraarra baba’e hundeeffamee gara naannawichaatti bobbaafamuu himeera.

Odeeffannoo waliigalaa balichaan miidhaa qaqqabees fuulduratti kan ifoomsu ta’uus ibseera.

Mootummaan maatii miidhamtootaaf jajjabina, kanneen miidhaan qaamaa irraa gahee ariitiin akka dandamatanii fi hojiin lammilee naannawichaa deebisanii dandamachiisuu caasaa mootummaa naannichaa waliin cimee kan itti fufuu ta’uu eereera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.