Fana: At a Speed of Life!

Hojiin Kenna Tajaajila Tola Ooltummaa Birrii biiliyoona 17. 6 olitti tilmaamamu hojjetame – MDhDH

Finfinnee, Hagayya 3, 2015 (FBC) – Hojii Kenna Tajaajila Tola Ooltummaa Bonaa fi Ganna hojjetameen Birrii biiliyoona 17 . 6 olitti tilmaamamu oolchuun danda’amuu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksiise.

Dargaggoonni kutaalee biyyattii mata duree ‘Tola Ooltummaa Olka’iinsa Ityoophiyaaf’ jedhuun hojiilee Ashaaraa Magariisaa, Ijaarsa Manneen maanguddootaa, Dhiiga arjoomuu, Nageenya Tiraafikaa dabalatee gosoota hojii 12 irratti Tajaajila Tolaa laachaa jiraachuu Ministeerichi ibseera.

Dargaggoonni miiliyoonni 24 fi kumni 664 ol tajaajila tolaa kanarratti hirmaachuu Ministeerichatti dursaan garee hariiroo Uummataa Obbo Malaakuu Baayyuun Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Tajaajila laatamaa turerraa lammiileen miiliyoonni 53 fi kumni 823 fayyadamuu ta’uu ibsasniiru.

Waliigalaan tajaajila tola ooltummaa bara kana kennameen Birrii biiliyoona 17.6 oolchuun danda’amuu kaasaniiru.

Yohaannis Darribootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.