Fana: At a Speed of Life!

Hojiin jiraattoota naannawaa sodaa sigiga lafaa qaban jiraatan bakka biraa qubsiisuun eegalame

Finfinnee, Hagayya 25, 2016 (FBC)- Godina Jimmaatti jiraattoota aanaalee sodaa sigiga lafaa qaban lama keessa jiraatan hojiin bakka biraa qubsiisuun eegalamuun ibsame.

Itti Gaafatamtuun Waajjira Buusaa Gonofaa Godinichaa Aadde Fitsum Geetaahuun, godinicha aanaalee tokko tokkotti bara darberraa eegalee sigigni lafaa mudachuurraan hojiileen eeggannoo duraa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Tibbanas rooba cimaa roobeen gandoota garaagaraa aanaalee Gommaa fi Geeraatti sigigni lafaa mudachuu himaniiru.

Balichi bal’atee miidhaa akka hingeessisneef hojiin ittisa duraa eegalamuu dubbatanii, hojiin jiraattota bakka biraa qubsiisuu eegalamuu ibsuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiiyaa gabaaseera.

Haaluma kanaan, Aanaa Geeraarraa jiraattota 591, Aanaa Gommaarraa jiraattota 330 naannawaa balaa sigiga lafaaf saxilamoo ta’anii kaasuun naannawaa biraa qubsiisuun hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Aanaalee kanneenitti dabalataan Aanaalee Saqqaa Coqorssa, Shabee Somboo, Saxxaammaa fi Nadhii Gibeettis hojiin dursanii ittisuu xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.