Fana: At a Speed of Life!

Hojiin ittisaa fi wal’aansa tiibii daa’immanii fi dargaggoota guddattootaa fooyya’eera-Dooktar Liyaa

Finfinnee, Hagayya 19, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti bara 2015 erga ‘roodmaappiin’ dhibee tiibii daa’immanii fi dargaggoota guddattootaa hojiirra oolee as, hojiin ittisaa fi wal’aansa tiibii daa’immanii fi dargaggoota guddattootaa fooyya’eera jedhan Ministirii Ministeeraa Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan.

Dooktar Liyaan waltajji fayyaa Dhaabbataa Fayyaa Addunyaa Ardii Afriikaa 72ffaa Toogoo, Loomeettii gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru.

Waltajjicharratti akka ibsanitti, bara Faranjootaa 2030’tti xiyyeeffanna gahaa utuu hinargatiin kan turee hojiin dhibee tiibii daa’immanii fi daraggootaa guddattootaa adda baasuu, qorachuu fi wal’aanuurratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Erga roodmaappiin dhibee tiibii daa’immanii fi dargaggoota guddattootaa hojiirra oolee Ityoophiyaattii hojiin ittisa dhibechaa fooyya’uu ibsaniiru.

Dhibee tiibii ittisuu fi to’achuuf kuteelaa hawaasaa dhibechaaf hedduu saaxilamoo ta’anirratti xiyyeeffachuun barbaachisadha jedhaniiru.

Haqa qabeessummaa tajaajila fayyaa mirkaneessuuf daa’immanii fi dargaggoonni guddattootaaf xiyyeeffannaa kennuun, dhibee tiibii ittisuu fi fayyummaan isaanii akka eegamuu taasisuun murteessaa ta’uu eeruuniiru.

Milkaa’ina isaafis biyyoonni guddatan, dhaabbileen tumsitootaa fi kanneen biroon hanqina galtee kan qaban biyyoota guddataa jiran akka deeggaran waamicha dhiyeesuu ragaan Ministeera Fayyarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.