Fana: At a Speed of Life!

Hojiin ijaarsa Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu bara kanaa eegale

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2014 (FBC) –  Hojiin ijaarsa Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu bara kanaa eegaleera.

Naannoo Oromiyaatti bara kana tajaajila lammummaatiin manneen barnootaa Bu’uura Boruu kuma 6 ijaarsisuuf karoora qabame milkeessuf hojiin ijaarsaa guyyaa har’aa  eegaleera.

Bu’uuruma kanaan sagantaa tajaajila lammummaatiin guyyaa har’aa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Booraa fi Godina Arsii Lixaa Magaalaa Dodolaatti Dhagaan Bu’uuraa ka’ameera.

Sagantaa tajaajila lammummaatiin bara 2014tti mana Barnootaa Bu’uura Boruu kuma 3 fi 377 ijaarsi isaanii eegalame Keessaa kumni 3 fi 11 ijaarsi isaanii xumuramee yeroo Ammas gara hojiitti seenaniiru.

Biiroon Barnootaa Oromiyaas barsiisota Dubartoota kuma 3 leenjisuudhaan Gara hojiitti galcheera.

Bara Barnootaa 2015’f ammoo ganna kana manneen Barnootaa Bu’uura Booruu kuma 6 Birrii biiliyoona 30 dhaabbilee miti Mootummaa fi Abbootii qabeenyaa akkasumas uummata irraa deeggarsaan argamuun kan ijaaraman ta’uu ibsameera.

Daa’imman miiliyoonni 1.3 gandoota kuma 7 keessatti barnoota argachaa jiru jedhameera.

Dabalataanis Aanaalee horsiisee bulaa 8 keessatti barattoota miiliyoona 1.3’f nyaata dhiyeessaa Jiraachuu fi  fuula durattis barattoota miiliyoona 7’f  nyaata dhiyeessuuf karoorfamuu Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa  Dooktar Tolaa Bariisoon ibsaniiru.

Saganticha irratti Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo, Bulchaa Bulchiinsa Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo dabalatee hojjettootni biirichaa irratti argamaniiru.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.