Fana: At a Speed of Life!

Hojiin haaromsaa fi babal’isa Hospitaala Poolisii Itiyoophiyaa xumurame

Finfinnee, Sadaasa 1, 2017 (FBC)- Hojiin haaromsaa fi pirojektii babal’isa Hospitaala Poolisii Itiyoophiyaa xumuramuun tajaajilaaf baname.

Hospitaalli Poolisii Itiyoophiyaa waggoota 61 kan lakkoofsiise yoo ta’u, hojiin haaromsuu fi babal’isuu gaggeeffame tajaajila hospitaalichaa kan ammaayyeessu ta’uun ibsameera.

Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eelii fi qondaaltonni Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Federaalaa kenniinsa tajaajila hospitaalichaa daawwataniiru.

Sirnichaarratti bara baajtaa 2016 hojjettoota raawwii olaanaa galmeessaaniif badhaasnii fi beekkamtiin kennameera.

Hospitaalichi lammiilee hedduu kan tajaajilee fi waggoota 61 kan lakkoofsise ta’us, hojiilee riifoormii gaggeeffameen tajaajila isaa bal’isuun akka danda’ame dubbatan.

Yaa’ii Idil Addunyaa Interpool bara Faranjootaa 2025 qopheessuufis hojjetamaa jiraachuu Komishinar Dammallaash akeekaniiru.

Tsaggaayee Nigustu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.