Fana: At a Speed of Life!

Hojiin dhibee lukkuu iddoowwan tokko tokkotti mudatee ture ittisuu fi to’achuu bu’aa argamsiisaa jira jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2014 (FBC) – Hojiin dhibee lukkuu iddoowwan tokko tokkotti mudatee ture ittisuu fi to’achuu bu’aa argamsiisaa jiraachuu humni waloo dhibicha ittisuuf hundaa’e beeksise.

Tibbana dhibeen lukkuu giddugala horsiisa lukkuu magaalaa Finfinnee fi Bishooftuutti mudate gara giddugaloota horsiisa lukkuu biroo fi kutaalee biyyattiitti akka hin babal’anneef humni waloo hundaa’ee hojii ittisaa fi to’annoo hojjechaa jiraachuu eerameera.

Dhibichi kan daddarbuu fi lubbuu galaafachuu danda’u waan ta’eef uummannii fi hawaasni lukkuu horsiisu lukkuuwwan wayita du’an awwaaluu, lukkuuwwan mallattoo dhibichaa argisiisan ammoo soorataaf dhiyeessuurraa akka of qusatan fi yeroo murtaa’eef daddabarsa lukkuu dhaabuun ofeeggannoo olaanaa akka taasisan dhaamameera.

Dhibicha ittisuuf hojiin ittisaa fi to’annoo yeroo ammaa hojjetamaa jiru bu’aa qabeessa ta’uu fi dhibichi balaa hamaa osoo hin qaqqabsiisiin hojiileen of eeggannoo hojjetamuu akka qaban Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Fiqruu Raggaasaa yaadachiisaniiru.

Ka’umsaa fi maalummaa dhibichaa qorachuuf gareen qorannoo hundaa’ee saamuudni walitti qabamaa jiraachuu fi bu’aan isaa wayita beekamu uummataaf kan ifoomu ta’uu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.