Fana: At a Speed of Life!

Hojiin dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaan galma qabame haala milkeessuun jalqabbii gaarirra jira – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 4, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad har’a Piroojektii ‘Caakkaa’ keessatti biqiltuu Appilii dhaabaniiru.
Hojiin dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa galma qabame haala milkeessuun jalqabbii gaariirra jiraachuu ibsaniiru.
Kaka’umsi Ummanni dhaabbii biqiltuuf qabu olaanaa ta’uu eeraniiru.
Dhaabbii biqiltuu bara kana naannawichatti taasiifamu kan adda taasiisu, Daagaa hojjetamee fi biqilaa Bahaargamoo dura ture dhabamsiisuun biqiltuu biyya keessaan bakka buusudha jedhan.
Ummanni Godina Harargee fi Koonsorraa dhufan hojii daagaan ogummaa addaa qaban nuuf qoodaniiru jedhan.
Magaalotaatti hojii Ashaaraa magariisaa waloon babal’isuun uwwisa Bosonaa magaalaa Finfinnee dabaluu ni dandeenya jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.