Fana: At a Speed of Life!

Hojiin Dallaa Juugal eeguufi kunuunsuu cimee itti fufa- Obbo Oordiin Badrii

Finfinnee, Amajjii 24, 2015(FBC)- Hojiin Dallaa Juugal eeguufi kunuunsuu cimee kan itti fufu ta’uu Pireezidaantiin naannoo Hararii Obbo Oordiin Badriin ibsan.

Obbo Oordiin Badriin hojiilee misoomaa magariisaa naannawaa dallaa Juugalitti hojjetamaa turan guyyaa har’aa eebbisiisaniiru.

Miidhaan namtolcheefi uumamaa hambaa idil addunyaa kan ta’e dallaa Juugal irra gahaa turuu yaadachiisaniiru.

Rakkoolee kanneen waaraan furuuf koree waloo hundeesuuniifi xiyyeeffannoo addaa kennuun rakkoolee ilaalchaafi sarbama seeraa hambisuuf tattaaffii guddaan taasifamaa turuu dubbataniiru.

Yeroo gabaabaa keessattis naannawaa dallaa Juugalitti misoomni magariisaa bu’aa qabeessi hojjetamuu ibsaniiru.

Hambaalee magaalichatti argaman daawwattootaaf mijatoo taasisuuf akkasumas magaalicha jiraattotaaf mijataa taasisuuf hojiilee hojjetaman irratti hundi gaheesaa ba’achuu akka qabu dhaamuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.