Hojiin Bu’uuraalee misoomaa bakka jijjiiruu dhuma Baatii Amajjii ni xumurama – Tajaajilicha
Finfinnee, Amajjii 1, 2017 (FMC) –Misooma Koriidariif hojiin Bu’uuraalee misoomaa Elektirikii bakka jijjiiruu hanga dhuma Baatii Amajjii 30, 2017tti kan xumuramu ta’uu Tajaajilli Elektirika Itiyoophiyaa beeksiise.
Misooma Kooriidarii Marsaa 2ffaaf magaaloota 14 keessatti hojiin bu’uuraalee misooma Elektirikii bakka jijjiiruu fi deebisanii misoomsuu hojjetamaa jiraachuu himeera.
Hanga Sadaasa 30, 2017tti utubaalee kuma 3 fi 275 fi Tiraanisfarmaroota raabsaa 96 hojiin bakka jijjiiruu raawwatamuu tajaajilichi ibseera.
Finfinnee, Oromiyaa, naannoo Amaaraa, Sidaamaa fi Dirre Dhawaatti sararri Elektirikaa Kiiloo Meetira 13.4 dheeratu lafa keessa awwaallamuu fi hojiin Isteeshiniiwwan Isiwiichiingii bakka jijjiiruu 5 raawwatamuu Tajaajilichi fuula miidiyaa hawaasummaa isaan himeera.
Hojiin Misooma Kooridarii kun magaalaa Finfinnee, Shaggar, Amboo, Jimmaa, Bishooftuu, Shaashamannee, Dirre Dhawaa, Dasee, Goondar, Bahiirdaar, Hawaasaa, Hararii fi Aarbaa Minci keessatti bal’inaan hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
#Oromia #Ethiopia