Hojiin babal’isa warshaa Zayita nyaataa Shamuu xummuramuun guyyaan Zayita toonii 950 oomishuu eegale
Finfinnee, Bitootessa 5, 2013 (FBC) – Hojiin babal’isa warshaa Zayita nyaataa Shamuu birrii biiliyoona 1.6 hojjetamaa ture xummuramuun guyyaan Zayita toonii 950 oomishuu eegaluu ibsame.
Warshaan Zayitaa Shaamuu itti gaafatamummaan isaa murtaa’e magaalaa Dirree Dawaatti bara 2010 hojii kan eegale yoo ta’u, guyyaan Zayita nyaataa toonii 130 oomishaa ture.
Yaa ta’uutii fedhiin jiru dabaluu isaan hojiin babal’isuu gaggeeffamaa tureera.
Dhaabbatichi guyyaan galteewwan oomisha Zayitaa toonii miiliyoona 1.8 fayyadamuun Zayita toonii 950 oomishuu eegaluu isaa ibsameera.
Oomishni warshichaa liitirri miiliyoonni 3 gatii Ministeerri Indaastirii ka’ee hordofuun raabsitoota eeyyama qabaniif raabsamuuf qophiirra jiraachuu himameera.
Warshichi hojjettoota 850 carraa hojii kan uume yoo ta’u, yeroo itti aanuu kuma 1 fi 500n ga’uuf hojjechaa jiraachuu eerameera.
Afawarqi Alamuutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.