Fana: At a Speed of Life!

Hojiimaatilee badaa farra diimookiraasii ta’an irratti waloon qabsaa’uu barbaachisa- Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Mudde 15, 2015(FBC)- Hojiimaatilee badaa farra diimookiraasii ta’an irratti waloon qabsaa’uun barbaachisaa ta’uu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun dhaaman.

Dooktar Laggasaan leenjii gaazexeessummaa qorannoo, qabsoo farra malaammaltummaa irratti taasifamuuf magaalaa Adaamaatti kennamaa jirurratti haasawaa taasisaniin, hojiimaatilee badaan ijaarsi biyyaa barbaadamu akka hin milkoofnee taasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Hojimaatilee badaa dhaabbileen miidiyaa irratti qabsaa’uu akka qaban eeruun, kanaaf ammoo ijaarsi dandeettii murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Hanqinni dandeettiifi haalli siyaasaa miidiyaafi kominikeeshiniin ergama isaanii akka hin ba’anne taasisaa turuu yaadachiisuun, hanqina dandeettii kana hambisuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Leenjiin kunis dandeettiiwwan jiran adda baasuufi itti fayyadamuuf kan gargaarudha jechuun, walitti dhufuun mari’achuuniifi dandeettii guddisuun gufuuwwan jiran maqsuuf waliin haa dhaabbannu jechuun ergaa dabarsaniiru.

Leenjichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u ogeeyyiin miidiyaafi kominikeeshinii garaagaraa, hoggantoonniifi qaamoleen dhimmatootaa irratti hirmaachaa jiru.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.