Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen tola ooltotaa daangaa ce’oon hojjetaman walooma ummatootaa cimsaa jiraachuun akeekame

Finfinnee, Adoolessa 8, 2016 (FBC)- Hojiileen tola ooltota daangaa ce’oon gaggeeffaman waloomaa fi tokkummaa ummatootaa cimsaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksise.

Dargaggoonni tola ooltotaa daangaa ce’oon Naannoo Harariitti hojii tola ooltummaa gaggeessaniiru.

Saganticharratti Ministir Deetaan Damee Dargaggootaa Ministeerichaa Muunaa Ahimad akka jedhanitti, waggoottan darban dargagaggoonni tola ooltonni daangaa ce’oon hojiilee jajjabeessaa raawwataniiru.

Tola ooltonni kunneen sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu dhaabuu, manneen harka qalleeyyii haaromsuu, dhiiga arjoomuu fi dameelee tola ooltummaa 14 irratti hirmaachuun hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Hojichaanis aadaa, duudhaa fi sona naannolee akka beekanii fi beeksisan tumsuu ibsaniiru.

Dabalataan dargaggoonni walii isaanii akka beekanii fi hariiroo hawaasummaa akka cimsatan carraa uumuu ibsaniiru.

Dargaggoonni biyyaa fi lammiilee isaanii akka tajaajilan, aadaa hojii akka gabbifatan taasisuutti dabalataan waloomaa fi tokkummaan akka cimu taasisuu eeruu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.