Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen misoomaa Naannoo Kibba Lixa Ityoophiyaa akka cimuuf qooda fudhattoonni hirmaachuu barbachisa jedhame

Finfinnee, Guraandhala 7, 2015 (FBC)- Naannoo Ummatoota Kibba-Lixa Ityoophiyaatti hojiileen misoomaa eegalaman cimanii akka itti fufaniif tattaaffii waloo qooda fudhattootaa cimsuun barbaachisaa ta’uu Itti Aanaan Pireezidaantii Naannichaa Nagaash Wageeshoon ibsan.

Raawwii baatiiwwan 6 dhaabbileen raawwachiistotaa irratti yaadotaa fi gaaffilee ka’aniif deebii kennaniiru.

Dooktar Injiinar Nagaasha Wageeshoon deebii kennaniin, hojiileen misoomaa naannichatti hojjetamaa jiran bu’aa qabeessa akka ta’aniif hojimaataa qindaa’aa itti fufsiisuu barbachisa jedhaniiru.

Rakkoolee gama barnootaan jiran furuun bu’aa galmeessuuf jijjiirama ofirraa eegale taasisuun akka eegamu ibsan.

Hanqina gama pirojektii daandiin jiru addaa baasuun mootummaan naannichaa xiyyeeffannaan kan hojjetu ta’uu himaniiru.

Dhaabbileen raawwachiistotaa naannichaa raawwii baatiiwwan ja’aa 2015 mana marichaan ragga’uu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Hojiilee qonnaa naannichaan jijjiiramni bu’uuraa mul’achuu ibsuun kunis cimee akka itti fufu qaamoleen dhimmichi ilaallatuu qindoominaan akka hojjetan ni taasifama jedhaniiru.

Damee geejjibaan gochaalee seeraan alaa mul’atan ittisuuf xiyyeeffannaan akka hojjetamu himameera.

Manni marichaa muudama abbootii murtee 53 raggaasisuun xumurameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.