Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen misoomaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiran imalaa gara badhaadhinaatti taasifamuuf humna-Obbo Araggaa Kabbadaa

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2016 (FBC)-Hojiileen misoomaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiran imala gara badhaadhinaatti taasifamuuf humna ta’uu Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaan ibsan.

Waltajjiin marii hawaasaa Mata duree “Gargaramuurraa gara oomishtummaatti kabajaa fi birmadummaa biyyaalessaaf” jedhuun Magaalaa Finfinnee galma Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Obbo Araggaa Kabbadaan, Ministira Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee akkasumas Kantiibaa Ittaanaa Magaalaa Finfinnee Jaanxiraar Abbaayii fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa hirmaataniiru.

Hojiin wabii nyaataan of danda’uu Itiyoophiyaaf yeroo ammaa ibsituu gootummaa ta’uu Dooktar Girmaa Amanteen barreeffama marii dhiyeessaniin ibsaniiru.

Obbo Araggaa Kabbadaan gama isaaniin hojiileen Misoomaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiran imalaa gara badhaadhinaatti Itiyoophiyaan taasisaa jirtuuf humna ta’uu eeraniiru.

Milkaa’uu imala kanaaf hunduu nageenya, obbolummaa fi waloomaaf dursa kennuun tokkummaa fi birmadummaa biyyaa bu’uura cimaarratti ijaaruu qabna jechuu ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Kutaaleen hawaasaa maricharratti hirmaatanis, jijjiirama bu’uuraa magaalichatti gaggeeffamaa jiru itti fufsiisuun wabii nyaataan of danda’uu bira darbee Itiyoophiyaa bantii Badhaadhinaarraan ga’uun mul’ata biyyaalessaa dhugoomsuuf kutannoo qaban mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.