Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen misoomaa bulchiinsa magaalaa Adaamaatti hojjetaman daawwataman

Finfinnee, Sadaasa 11, 2015 (FBC) – -Hoggantoonni olaanoo Mootummaa Federaalaa fi Naannolee Paartii Badhaadhinaa,hojiilee misoomaa bulchiinsa magaalaa Adaamaatti hojjetaman daawwataniiru.

Daawwannaa kanarrattis Waajjira Muummee Ministiraatti Ministirri deetaan giddugala ijaarsa sirna diimokiraasii obbo Pool Tuut dabalatee, gorsaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyatti Itti gaafatamaan damee dhaabbilee siyaasaa fi hawaasa siivikii obbo Shaafii Huseen irratti argamaniiru.

Kaayyoon daawwannaa kanas, hojiilee misoomaa guddina magaalittii saffisiisaniifi hawaasa fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jiran magaalota biroof qooduuf akka ta’e himame.

Horsiisni lukkuu, manneen barnootaa bu’uura boruu tajaajila lamummaatiin ijaaraman, daandiin Adaamaa Wanjii, daandiin aspaaltii kutaa magaalaa Bokkuutti hojjetamaa jiranii fi manneen harka qalleeyyiif dabarsamanii kennaman daawwatamaniiru jedhame.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee hojiilee hojjetaman ilaalchisuun keessummootaaf ibsa kennuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.