Fana: At a Speed of Life!

Hojiin jijjiiramaa dhaabbataa fi siivil sarvisii hojiirra oolchaa turre tattaaffii guddinaa keenya deeggaruu irratti argamu-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2017 (FBC)-Hojiin jijjiiramaa dhaabbataafi siivil sarvisii hojiirra oolchaa turre tattaaffii guddinaa keenya deeggaruu irratti argamu jechuun Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, gamaaggamni guyyaa 100 kurmaana jalqabaa dameewwan garaagaraatiin guddinni olaanaan galmaa’uu nutti agarsiiseera jedhaniiru.

Haa ta’u malee kallattiin guddina keenyaa hojiin caalu fuuldura keenyatti akka eeggatu kan akeeku ta’uu himaniiru.

Hojiin jijjiiramaa dhaabbataa fi siivil sarvisii hojiirra oolchaa turre tattaaffii guddina deeggaruu akka argamu dubbatan.

Dameen tajaajila uummataa aadaa haaraa gahoomsuu akka guddisuu fi warri kaanis milkaa’uu akka danda’an akka deeggarun dhaama jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.