Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen duraan hojjetaman sochii xixiqqaa tarkaanfachuuf ka’umsa ta’aniidha-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Bahaa Aanaa Guraawwaatti Sagantaa Ashaara Magariisaa Boqonnaa 2ffaa eegalame.

Saganticharratti Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan, Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin dabalatee qondaaltonni olaanoo federaalaa fi naannoo akkasumas godinaa biroon argamaniiru.

Saganticharratti, Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan haasawaa taasisaniin, waggoottan darban sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan ummataa biyyattiin dhaabaniin bu’aalee olaanaan argameera jedhan.

Oromiyaattii hojiileen duraan hojjetaman sochii xixiqqaa tarkaanfachuuf ka’umsaa ta’aniidha jedhanii, bara 2016 tarkaanfachuu eegaluuf tattaaffii taasisa jirra jedhaniiru.

Waggoottaan dhufanis “Tarkanfachuurraa sunsumuutti, sunsumuurraa fiigiichatti, fiigicharraa gara ariiitiin fiiguutti ce’aa adeemuu qabna” jedhaniiru.

Kanaafis bara 2016 karooraa xiiqii akka naannootti qabame milkeessuuf sochii eegaluu qaban jechuun Obbo Shimallisa Abdiisan dhaamaniiru.

Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministiirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin gama isaaniin hawasni naannawaa Harargee gama Ashaaraa Magariisaan hojiilee fakkeenya hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Hojiilee hanga ammaatti hojjetaman caalaa kan hinhojjetamintu caalaas jedhan.

Lafa, ummataaf, dhalootaa fi jiraattotaaf mijataa taasisuu, sagantaa maaddii guutuu babal’isuu, wabii nyaataa lammiilee fi nageenya mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Dhimmoonni kunneen yoo mirkanaa’an biyya hundaaf mijattuu waloon ijaaraa adeemuu dandeenya jedhaniiru.

Hojiileen sagantaa Ashaaraa magariisaan eegalamanis cimee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.