Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen Dippilomaasii siyaasaa milkaa’aan dippilomaasii diinagdeef carraa bal’aa uumeera-Ministeericha

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2016 (FBC)- Dippilomaasiin siyaasaan hojiilee milkaa’aan gaggeeffamaa jiru dippilomaasii diinagdeef carraa bal’aa uumuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam, hojiilee dippiloomaasii hojjetamaan ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Hojiilee dippilomaasii baatiiwwan sadan darban hojjetamaniin, dhaga’amtummaan, dhiibbaa uumtummaa fi fayyadamummaa diinagdee gama mirkaneessuun hojiilee milkaa’oon hojjetamaniiru jedhan.

Sadarkaa dureewwaniitti daawwannaawwan biyyoota garaagaraatti gaggeeffamaniin hawaattummaa invastimantii alaa dabaleera jedhan.

Akkasumas waliigalteewwan filmaata diinagdee faayidaa biyyaa haala eegsiseen gaggeeffamuu ibsaniiru.

Baatiiwwan sadan darbaniittis gama tuuriizimiin, teeknooloojii fi dippiloomaasii diinagdeen hojiilee bal’aan hojjetamuu himaniiru.
Milkaa’inni dippilomaasii siyaasaas hojiilee kanneeniif gumaacha olaanaa akka qabu dubbataniiru.

Firehiiwoot Saffiiwutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.