Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen diinagdee Oromiyaa milkaa’ina gaariirra jira- Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2015 (FBC)- Hojiileen sosochii dinagdee waliigalaa fayyadamtummaa misoomaa fi hawaasummaa Oromiyaa waggoottan darbanii milkaa’ina gaariirraa jiraa jedhan Itti Aanaan Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin.

Obbo Awwaluun, hojiilee waliigalaa Naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiranirratti miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggootii dhihoo as piroojektoota hiyyummaa xiqqeessanii fi rakkoo bulchiinsa gaariin komii hawaasichaa hambisan hojjechaa turuu, yaadachisanii, baranas piroojektoota kuma 19 fi 912 eebbisiisuuf qophaa’uu eeraniiru.

Hojii ijaarsa piroojektoota kanneenif qarshiin Biiliyoona 54 ol baasii ta’uu Obbo Awwaluu himaniiru.

Milkaa’ina piroojektoota kanaaf hirmaannaa fi kutannoo ummanni naannichaa taasiseef galateeffataniiru

Gammachiis Taarikuutu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.