Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf eegalaman cimanii akka itti fufan akeekame

Finfinnee, Hagayya 6, 2016 (FBC)-Hojiileen dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf tattaaffiin sadarkaa Idil Addunyaatti eegalaman bu’aa qabeessaa akka ta’aniif Itiyoophiyaan hojiilee Sagantaan Ashaaraa Magariisaan eegalte cimsitee kan itti fuftu ta’uun akeekame.

Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa Inistiitiyuutii Guddina Magariisaa Idil Addunyaa, Ministeera Qonnaa fi qaamolee dhimmichi ilaallatu biroo waliin ta’uun marii paanaalii gaggeesseera.

Ministirri Ministeerichaa Dooktar Fitsum Asaffaan waltajjicharratti, Sagantaa Ashaara Magariisaan uwwisni bosonaa biyyattii %23.6tti guddachuu ibsan.

Sagantichi oomishaa fi omishtummaa guddisuu, wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee murteessaa akka qabu eeruun kunis cimee akka itti fufuuf kan hojjetamu ta’uu dubbachuu TOI gabaaseera.

Itiyoophiyaan sadarkaa idil addunyaatti jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf tattaaffiiwwan taasifamanirratti gahee bahattu cimsitee akka itti fuftus mirkaneessaniiru.

Itiyoophiyaatti Daayrektarri Biiroo Inistiitiyuutii Guddinaa Magariisaa Idila Addunyaa Okechukuu Ogboonaayaa gama isaaniin, Itiyoophiyaan Ashaaraa Magariisaa irratti hojiileen hojjechaa jirtuu fakkeenya akka ta’u eeraniiru.

Dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuufis sirna qonnaa ijaaruun Itiyoophiyaatti hojiileen eegalaman bu’aa jajjabeessaa galmeessaa jiraachuu himaniiru.

Inistiitiyuutichi Itiyoophiyaa waliin hojii walta’iinsa Misoomaa Magariisaan eegalee cimsee akka itti fufu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.