Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen damee utubaalee jijjiirramaa cimsuu hojjetamaa jiru – MM Dooktar Abiy

Finfinnee, Qaammee 4, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad haala yeroo dhimmoota biyyaaleessaa ilaalchisee gaaffii dhiyaateef deebii laataniiru.
 
Hariiroon naannoo Tigraay waliin qabnu kan ilaallamu ija ummata naannichaani jedhan.
 
Tarkaaffiin fudhatamu kamiiyyuu faayidaa ummata naannichaa mirkaneessuu fi miidhuu isaa ilaallameeti jedhan.
 
Ummanni Tigraay ummata keenya, tarkaaffii ummata miidhu kan booru garaa nu nyaatu fudhachuu hin barbaannu jechuun ibsaniiru.
 
Filannoon naannoon Tigraay gaggeessuu filannoo bu’ura hin qabne jedhaniiru.
 
Ijaarsi seeraa alaa hanguma wacni dhaga’ame ni rifata, yeroo hunda sodaan jiraatu jedhan.
 
Ityoophiyaatti filannoon gaggeeffamuu kan danda’u gama Boordii filannoo qofaan ta’uu eeraniiru.
 
ABUT,Filannoo waliigalarratti kan hin hirmaanne yoo ta’e, filannoon ammaa kun fudhatama hin qabaatu jedhan.
 
Filannoo yeroo itti aanu gaggeeffamu keessatti kan hin dorgomne taanaan paartii bakka bu’uun Paarlaamaa galuu hin danda’an jedhan Dooktar Abiy gaaffii ka’eef yeroo deebii laataan.
 
Gara waraanaatti yoo galle ummanni caalmnaatti waan miidhamuuf ogummaa fi malaan ilaaluun murteessadha jedha.
 
Dooktar Abiy ‘ani ummata Tigraayiif haguuggii fuulaa malee rasaasa hin ergu’ jechuun dubbataniiru.
 
Humna dukkana keessa jiru waliin turuu hin barbaannu, daandii Badhaadhinaa eeggalle qabannee itti fufna jedhan.
 
Barri haaraan akka dhufuu fi darbuttan ilaala, kaleessi guutuu ture, har’is guutuudha, booruus guutuu akka ta’u natti dhaga’ama jedhaniiru.
 
Kana keessatti darbuu fi dhufutu jira, kan darberraa muuxxannoo har’aaf tajaajilu ,qabeenyi fi beekkumsi kan argamu ta’uu kaasaniiru.
 
Jijjiirramaan booda hojiileen damee utubaalee jijjiirramaa cimsuu hojjetamaa jiraachuu kan eeran Dooktar Abiy, ijaarsa dhaabbilee dabalatee dameewwan garaagaraan bu’aan galmaa’a jiraachuu kaasaniiru.
 
Waggoottan lamaan darban keessa hojiilee gaariin hedduun hojjetamuu eeraniiru.
 
Ijaarsi hidha haaromsaa jijjiirraman dura rakkoo hooggansaa qaba ture kan jedhan, rakkoolee ture furuun adeemsa ijaarsa isaarratti bu’aan argameera jedhan.
 
Dooktar Abiy EBC waliin turtii taasisaniin ijaarsi hidhichaa hooggansa tureen osoo itti fufee jiraate, bara kanaa miti waggaa 3 booda bishaan qabachuu hin eegalu ture jedhan.
 
Haala misooma daandiiwwanii fi maddeen anniisaa ilaalchisees gaaffii ka’eef deebii laataniiru.
 
Paarkiiwwan indaastirii hundi xumaramaa jiraachuu kaasaniiru.
 
Ijaarsa proojaktii Warshaalee sukkaaraa ariitiin xumuramuuf hojjetamaa jiraachuu fi bara darbe keessa sukkaarri kuntaalli kumni dhibbi 6 dabalataan oomishamuu eeraniiru.
 
Baajataan ala qabeenyaa fi beekkumsa qindeessuun proojaktii Paarkii Shaggarii fi Inxooxxoo hojjechaa jirra jedhan.
 
Efireem Mitikkuutu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.