Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen damee qonnaan Godina Baaleetti hojjetamaa jiran agarsiiftuu milkaa’ina imala badhaadhinaati -Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Mudde 14, 2016 (FBC) – Hojiileen damee qonnaan Godina Baaleetti hojjetamaa jiran agarsiiftuu milkaa’ina imala badhaadhinaati jedhan, Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa.

Obbo Fiqaaduunaa fi hoggantoonni olaanoo mootummaa naannoo Oromiyaa biroon godina baalee aanaa Agaarfaa fi Sinaanaatti hojii misooma qonnaa kilaasteraa fi inisheetivoota adda addaa hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Hojiiwwan damee qonnaan godina Baaleetti hojjetamaa jiran agarsiiftuu milkaa’ina imala badhaadhinaa ta’uu Obbo Fiqaaduun ibsaniiru.

Misoomni qonna qamadii kilaasteraan qonnaan bultoonni aanaa Agaarfaafi Siinaanaan hojjetamaa jiru galma ga’iinsa akka naannoottis ta’e akka biyyaatti kaa’ameef abdachiisaa ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas, misoomni qamadii qonnaan bultoonni kilaasteraan hojjechaa wabii nyaata mirkaneessuu bira darbee milkaa’ina karoora mootummaan oomisha qamadii alatti erguun sharafa alaa argamsiisuuf taasisaa jiru milkeessuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan.

Qonnaan bultoonni teknooloojii qonnaatti fayyadamuun akkasuma omishtummaa fooyyessuuf tattaaffiin isaan taasisan imala badhaadhina eegalame galmaan gahuu akka danda’u fakkeenya ta’aa jiraachuu himaniiru.

Mootummaan naannichaa qonnaan bultootaaf dhiyeessii galteewwan qonnaa fi misoomawwan bu’uuraa babal’isuurratti kan hojjetu ta’uu himaiiru.

Godinichatti bara oomishaa kana lafa hektaara kuma 527 midhaan gosti adda addaa misoofameera.

Kana keessaa Qamdiin lafa hektara kuma 200 irratti kilaasteraan misoomuu himamuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.