Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen barnootaa hojjennu dargaggoonni beekumsaa fi ogummaa barbaachisuun akka argatan kan taasisuudha- MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2015 (FBC)- Hojiileen barnootaa hojjennu dargaggoonni addunyaa jijijjiiramaa keessa imaluuf beekumsaa fi ogummaa barbaachisuun akka argatan kan taasisuudha jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Yaa’ii Addaa Jalqabaa Dhaabbata Walta’iinsa Barnootaa Idil Addumyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jirurratti hirmaataniiru.

Ityoophiyaan hirmaachisummaa dhiyeessii barnootaa cimsuuf tattaaffiin taasiftu, hanqinaaleen sirna koorniyaa akka furamanii fi barattoonni fedhii addaa waan isaan barbaachisu akka argatan hojjetamaa jiraachuu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ibsaniiru.

Dabalataan, naannawaa horsiisee bultootaa fi gariin horsiisee bultootaatti bu’uuraalee misoomaa fi tajaajiloota barnootaa babal’isuuf, sagantaalee barnoota idileen alaa fi leenjii ga’eessotaaf kennuuf, barnootaa sadarkaa olaanaa miidhamtoota qaamaaf mijataa ta’uu mirkanessuun, hojiilee ijoo hojjetaman keessaa ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.