Hojiilee tarsiimoo dijitaal Itiyoophiyaa 2025 hafan saffisiisuuf marii kaayyeffate gaggeeffame
Finfinnee, Fulbaana 30, 2016 (FBC)- Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii fi Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa dhimmoota hojiilee tarsiimoo Dijitaal Itiyoophiyaa 2025 hafan saffisiisuuf marii kaayyeffate gaggeessaniiru.
Ministirri Ministeera Innooveshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan pirojektoota milkaa’ina dijitaal Itiyoophiyaaf bu’uura jedhamuun Bulchiinsaa Nageenyaa Odeeffannoon hojjetamaa jiran daawwataniiru.
Daayrektarri Bulchiinsaa Nageenyaa Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaan waggoottan lamaan darban waa’ee pirojektoota hojjetamaa jiranii ibsa kennaniiru.
Dijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dandeetti ofiin dhimmoota ijoo hojjetamanii fi teeknooloojii hidhachuuf dhimmoota dandeessisanirratti xiyyeeffachuun hojjechuun akka barbaachisu kaasaniiru.
Dooktar Ballaxaa Mollaan gama isaaniin, milkaa’ina dijitaal Itiyoophiyaa 2025’f qaamoleen dhimmichi ilaallatu qabeenya qabanii fi beekumsa jiru qindeessuun hojiilee tarsiimichaa hafaniif hirmaannaa akka taasisan hubachiisaniiru.
Fuuldurattis dhaabbileen sochiilee taasisan cimsanii akka itti fufaniif hojmaata qindaawaa caalmaan cimsuuf pirojektoota haaraa bocuun hojjechuuf waliigalteerraa ga’amuun ibsameera.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.