Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee paarkiiwwan gaarreen Baalee UNISCO irratti galmeessisuuf hojjetamaa jiran irratti mariin gaggeeffame

Finfinnee, Eebila 25, 2014 (FBC) – Hojiilee paarkiiwwan gaarreen Baalee UNISCO irratti galmeessisuuf hojjetamaa jiran irratti mariin gaggeeffameera.

Maricharratti Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Ministira Ministeera Tuurizimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii dabalatee hoggantoonni Abbaa Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Ityoophiyaa fi Komishinii Tuurizimii Oromiyaa hirmaataniiru.

Qaamoleen dhimmatootaa haala paarkichi UNISCOrratti galmaa’ee Ityoophiyaan damicharraa fayyadamtuu ta’uu dandeessurratti mari’ataniiru.

Hojimaanni rakkoolee paarkichaa furuu dandeessisuu fi hawaasa fayyadamoo taasisu kan diriirfamu ta’uu ragaan Komishinii Tuurizimii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.