Hojiilee nageenyaafi misooma mirkaneessuu keessatti hirmaannaan dargaggootaa cimee itti fufuu qaba jedhame
Finfinnee, Bitootessa 15, 2017(FMC)- Hojiilee nageenyaafi misooma mirkaneessuu keessatti hirmaannaan dargaggootaa cimee itti fufuu akka qabu ibsame.
Miseensonni Damee Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Finfinnee murtoowwaniifi kallattiiwwan paartichi Yaa’ii Idilee 2ffaan kaa’erratti kan mari’atan ta’uun himameera.
Maricharratti dargaggoonni kutaalee magaalaa garagaraarraa walitti babba’an hirmaachaa jiru.
Miseensa Mana Maree Paartii Badhaadhinaafi Itti Gaafatamaa Itti Aanaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee Obbo Alamaayyoo Ijjiguun, injifannoowwan waggoottan darban keessa galmaa’aniif dargaggoonni qooda olaanaa bahachuu yaadachiisaniiru.
Hojiileen nageenya, misoomaafi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf eegalaman bu’a qabeessa akka ta’aniif hirmaannaan dargaggootaa cimee itti fufuu akka qabu kaasaniiru.
Dargaggoonni hojiilee tola ooltummaa kanneen akka haaromsa manneen harka qalleeyyii, nyaata qooduu, deeggarsa meeshaalee barnootaafi kanneen biroo keessatti shoora olaanaa bahachaa jiraachuu eeranii, cimee itti fufuu akka qabu hubachiisan.
Miseensi Mana Maree Paartii Badhaadhinaafi Pireezidaantiin Damee Dargaggootaa paartichaa Akililuu Taaddasaa gamasaaniin, Paartiin Badhaadhinaa yaa’iisaa idilee 2ffaan dameewwan maraan murtoowwaniifi kallattiiwwan ceesisan kaa’uu yaadachiisuun, murtoowwaniifi kallattiiwwan kunneen haalaan hojiirra akka oolaniif dargaggoonni gaheesaanii qixa sirriin bahachuu akka qaban ibsan.
Kayyoon marii kanaas dargaggoonni gahee isaanii haalaan akka bahatan gochuuf ta’uu kaasanii, sadarkaa biyyaalessaatti dargaggoota miiliyoona 5 mariisisuuf galmi qabamuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.