Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee misoomaa kooridarii hafan hatattamaan tajaajilaaf banaa taasisuuf ni hojjenna-Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2016 (FBC)-Hojiilee misoomaa kooridarii hafan qajeeltoo hatattamaan fi kalaqaa hordofnee xumuruun tajaajilaaf banaa taasisuuf ni hojjenna jechuun Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, baatii sadii qabame keessatti hojiileen misooma kooriidarii naannawaa Piyaasaa, Araat Kiiloo, Yaadannoo Injifannoo Adwaa xumuramuu eeran.

Kana hordofees Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Giftii Duree Zinnaash Taayyaachoo fi qondaaltota olaanoo mootummaa waliin gamaaggamuu himan.

Magaalattii miidhagsuu fi misoomsuuf waadaa gallee eegaluu yaadachiisanii, magaalaa dhalootaaf darbu, balfamtuu fi dhibaa’ummaa hinqabne taasisuuf waadaa galle eegneerra jedhan.

“Araadaa qulqulloofte, Araat kiiloo torban guutuu carraaqxu, amma isiniif mijattu taateetti” jedhanii, miidhaginaa fi qulqullinni ishee utuu hinhir’atiin dhalootaaf akka tursiisan imaanaa jedhaniiru.

Dabalataanis, hojiileen misoomaa kooriidarii wayita eegallu kanneen, tumsan, abbootii qabeenyaa bareechan, kontiraaktaroota, hojjettootaa fi hoggantoota ogummaa isaaniin akkasumas dhaabbilee federaalaa galateeffataniiru.

Hunda caalaa Ministirri Muummee Dooktar Abiy deeggarsaa fi hordoffii taasisaniif galateeffataniiru.

Akkasumaas ummanni hojiilee misoomaa kanneen dhufanii akka daawwatan afeeranii, hojiilee hafanis qajeeltoo saffisaa fi kalaqaa hordofuun xumuramee tajaajilaaf banaa akka ta’u kan hojjetan ta’uu waadaa galaniiru.

Qulqullina eegsisuu fi naannawaa lammiilee hundaaf mijatu uumuun hojiilee dursi kennamuuf ta’uu kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.