Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee misoomaa hojjetamu keessattii sirni Itti gafaatamummaa akka mirkana’uuf hojjetamaa jira – Obbo Umood Ujuluu

Finfinnee, Eebla 11, 2015 (FBC) – Naannoo Gaambeeellatti hojiilee misoomaa hojjetamu keessattii hirmannaa lammiilee fi iftoominaa hojiiraa oolchuuf sirni Itti gafaatamummaa akka mirkana’uuf hojjetama jiraachuu Pireezidaantiin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umood Ujuluun ibsan.

Sanada odeeffanno Baajata lammiilee bara 2015 Mana Maree naannichaan mirkanaa’e irratti hoggantoonni olaanoon naannichaa mari’ataniiru.

Marichaan bara baajaatichatti hojiilee misoomaa xumuramuuf Birriin biiliyoonnii 4 fi miiliyoonni 542 fi kumni 560 ol ramadamuun eerameera.

Obbo Umood Ujuluu ,hojiilee misoomaa naannichatti hojjetamanii irrattii hirmannaa lammiilee fi iftoominaa hojiiraa olchuuf sirni itti gafaatamummaa akka mirkanaa’uuf hojjetama jira jechuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeshiini naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.