Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee Ityoophiyaan malaammaltummaa ittisuuf taasistuuf deeggarsi teekinikaa taasifamu cimee itti fufa- DhMG

Finfinnee, Bitootessa 15, 2015(FBC)- Hojiilee Ityoophiyaan malaammaltummaa ittisuuf taasistuuf deeggarsi teekinikaa taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu Biiroon Ittisa Qoricha Sammuu Hadoochuufi Yakkaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ibse.

Biirichi Komishinii Farra Malaammaltummaa waliin ta’uun marii malaammaltummaa ittisuu keessatti dameeleen dhuunfaa qaban irratti xiyyeeffatu magaalaa Finfinneetti gaggeessaa jira.

Ittaanaan Komishinaraa Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraala Zalaalam Mangisteen, mootummaan malaammaltummaarratti duuluun bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf hojiilee garaagaraa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Mootummaan miidhaa malaammaltummaa hubachuun waggoottan arfan darbanitti namoota dhuunfaafi dhaabbilee gocha malaammaltummaarratti hirmaatan seeraan gaafachaa jiraachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Biiroon Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa namoota dhuunfaafi dhaabbilee gochaa malaammaltummaarratti hirmaatan seeratti dhiyeessuun hojiin yakkicha ittisuu cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Qaamoleen damee dhuunfaarratti hirmaatanis hojiimaatilee keessoo mootummaa sakatta’uuniifi hojiilee karaa seeraan alaa hojjetaman balaaleffachuun gaheesaanii akka ba’atan yaadachiisaniiru.

Ityoophiyaatti hoggantuun Biiroo Ittisa Qoricha Sammuu Hadoochuufi Yakkaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Haanaa Eelsaabeet gamasaaniin, Ityoophiyaan malaammaltummaa ittisuun guddina diinagdee fiduuf hojiilee hojjeturratti dhaabbatichi deeggarsa teekinikaafi ijaarsa dandeettii taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Waltajjicharratti hoggantoonni mootummaa, hayyoonni, waldaaleen siiviiliifi qooda fudhattoonni argamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.