Hojiilee Ittisaa loltummaa damee Saayibarii guddisuuf cimee hojjetaa jira – Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaa
Finfinnee, Caamsaa 11, 2015 (FBC) – Hojiilee Ittisaa loltummaa damee Saayibarii guddisuuf ciminaan hojjetamaa jiraachuu Itaamaajoor Shuumiin Humna Waaraan Waliigalaa Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan ibsaniiru.
Hojiin humna nama fi teeknooloojiin ga’oomsuu cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
Guyyaan Hundeeffama Daayrektoreetii Olaanaa Ittisa Saayibarii waggaa 1ffaan mata duree ‘Nageenya Saayibarii Itti gaafatamummaa waloof’ jedhuun kabajameera.
Guyyaa kana sababeeffachuun Aasxaan haaraan Daayrektoreetichaa eebbifameera.
Miseensota damichaaf gumaacha olaanaa taasiisaniif badhaasni laatamuu Ragaan Ministeera Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.