Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee hojjetameef beekkamtii kennaa kan hafan milkeessuuf tattaaffachuun hojii ijoo ta’uu qaba – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2014 (FBC) – Hojiilee hojjetameef beekkamtii kennaa kan hafan milkeessuuf tattaaffachuun hojii ijoo ta’uu qaba jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad gaaffii miseensota mana maree bakka bu’ootaa ummaataarraa ka’eef wayita deebii laatan.
Jijjiirramaa as gama misooma daandiin hojiin hojjetame gaarii ta’uu kaasaniiru.
Iddoolee ga’umsaa fi tajaajila Daandii qilleensaa dabaluuf hojii hojjetameen bu’aan gaariin argamuu ibsaniiru.
Tajaajila uwwisa Teeleekoomii babal’isuuratti hojiin jabaan hojjetamuu kaasaniiru.
Kanaafuu bu’aan hin argamne jechuurra bu’aa kana caalu galmeessuuf hojjetamuu qaba jechuutu murteessadha jedhan.
Hojii hojjetameef beekkamtii kennaa kan hafan milkeessuuf tattaaffachuun hojii ijoo ta’uu ibsaniiru.
Warshaalee sukkuuraa rakkoo keessa turan dandamachiisuuf hojii riifoormii hojjetameen bu’aa jajjabeessan argamuu himaniiru.
Tiraakteroota kuma 5 ol gara qonnaatti galchuun danda’amuu ibsaniiru.
Carraan tiraakteraan lafa qotuu dabalaa dhufuu fi muuxannoon kilaasteeraan misoomsuu babal’achaa jiraachuu himaniiru.
Lafa misoomu keessaa % 45 kilaasteeraan misoomaa jiraachuu kaasaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.