Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee hirmaannaa ummataan hojjetamaniin bu’aa jajjabeessaan argameera – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Adoolessa 16, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Yaa’iin Waliigalaa Hirmaannaa Ummataa bara 2015 gaggeeffamaa jira.

Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen yaa’icharratti argamuun gaaffilee hirmaannaa ummataa ilaalchisee ka’aniif deebii laataniiru.

Magaalichatti hojiileen hirmaannaa ummataan hojjetaman daraan jajjabeessaa ta’uu Aadde Adaanach kaasaniiru.

Bara baajatichaa piroojektoonni kumni 1 ol Birrii biiliyoona 1.4 ol baasaan hirmaannaa ummataan raawwatamuu himuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii magaalichaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.