Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee hariiroo ummataa fi ummataa daran cimsan hojjechuu qabna-Pireezidaantii Mana Maree Jibuutii

Finfinnee, Mudde 11, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Jibuutii gidduu hariiroo ummataa fi ummataa jiru daran cimsuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu Pireezidantiin Mana Maree Jibuutii Dil’eetaa Mahaammad Dil’eetaa ibsan.

Yaa’iin idilee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaan gaggeeffameera.

Yaa’icharratti Pireezidaantiin Mana Maree Jibuutii Dil’eetaa Mahaammad Dil’eetaa haasawaa taasisaniiru.

Haasawaa isaaniin hariroon Itiyoo-Jibuutii waggootan dura eegaluu yaadachiisanii, Itiyoophiyattis Ambaasaaddara Jibuutii ta’uun tajaajiluu kaasan.

Hariiroo diinagdee cimsuuf tattaafii taasisaa turuu eeranii, biyyoonni lameen michummaa cimaa qabaachuu himaniiru.

Itiyoophyaan biyya guddoo, Afrikaaf fakkeenyaa addaa ta’uu ibsanii, Dhaabbata Misooma Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) cimsuu akkasumas damee dippilomaasiin, aadaa fi ogbarruun bakka olaanaa kan qabdu ta’uu himaniiru.

Daawwannaa isaaniin, diinagdee, aadaa, tuuriizimii, fi Ispoortiin hariiroon jiru akka cimu fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Kana malees, pirojektoota garaagaraa bocuun biyyoonni lameen walta’iinsaan akka hojjetan taasisuun addatti ammoo, hariiroon ummaataa fi ummaataa fooyya’aan akka jiraatu, dargaggoonnis biyyoota lameenitti bilisummaan socho’anii akka hojjetan taasisuu qabna jedhan.

Hariiroo Itiyoophiyaa fi Jibuutii daran cimsuun hojiilee dureewwan biyyoota lameenii eegalan cimsuuf walta’uu qabna jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.