Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf deeggarsii fi hordoffiin murteessaadha jedhame

Finfinnee, Amajjii 2, 2016 (FBC)- Hojiilee fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojmaanni mootummaan diriirse bu’aa qabatamaa akka fiduuf deeggarsii fi hordoffiin murteessaa ta’uun himame.

Naannoo Oromiyaatti sadarkaa hojiileen misoomaa irra jiran daawwachuun, hoggantoonni godinaalee muuxannoo walirraa qoodachuun rakkoolee muudatan yeroo gabaabaa keessatti furuufi kallattii kaa’uuf hojii hojiin supperviizhinii gaggeeffamaa jira.

Bulchiinsa Magaalaa Shaggarittis hojii deeggarsaa fi hordoffiif hoggantoonni magaalota Oromiyaa jaha irraa baba’an deeggarsaa fi hordoffii taasisaa jiru.

Qindeessaa Garee Deeggarsaa fi Hordoffii Magaalaa Shaggarii fi Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaan hojii deeggarsaa fi hordoffii taasifamaa jiruun rakkoolee fayyadamummaa hawaasaa irratti mudatanii fi danqaa ta’an furuun akkaataa danda’amutti kutaalee magaalaa fii Aanaalee Magaalaa Shaggar daawwachaa jiraachuu himaniiru.

Hojmaata mootummaan fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf diriirse bu’aa qabatamaa akka fiduuf deeggarsaa fi hordoffii murteessaadhas jedhan.

Rakkoo kenna tajaajilaa mudatu furuun kan danda’amu hojiin deeggarsa fi hordoffii yoo jiraatedha kan jedhan obbo Alamaayyoon, sirni itti gaafatamummaallee akka jiraatuuf gargaaras jedhaniiru.

Baayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.