Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee falaasama ogbarruu Oromoon gitan hojjechuuf carraaqaan jira-Waldicha

Finfinnee, Sadaasa 25, 2015 (FBC)- Waldaan Barreessitoota Oromiyaa hojiilee falaasama ogbarruu Oromoon gitan hojjechuuf carraaqaa jiraachuu beeksise.

Waldichi galma Giddugala Aadaa Oromootti waltajjii marii gaggeesseera.

Waltajjicharratti Pireezidaantiin Waldichaa Barreessaa Roobinaa Shuumii, waldichi guddina hogbarruu Oromoof gumaacha mataasaa taasisaa jira jedhan.

Ogbarruun Oromoo qulqullinasaa eeggatee sadarkaan akka qophaa’u, aadaa, duudhaa, safuu fi falaasamni Oromoo haalan akka beekamu hojjetamaa jiras jedhan miseensonnii fi koreen waldichaa.

Haa ta’uutii rakkooleen mudatan furuun, sadarkaa biyyaa fi addunyaatti ogbarruu Oromoo gitaa fi beekamtii qabu hojjechuun abbaltii qooda fudhattoota hundaati jedhameera.

Badhaasa hogbarruu Gaaddisaa Birruu barana jalqabame jabeessuun, barreeffama Oromoof beekamtii laachuun kan itti fufu ta’uu Barreessan Waldichaa Lalisaa Indiriis ibseera.

Kitaabilee maqaa waldaatiin gulaaluu, qeequu fi maxxansuun sadarkaa fi qulqullina hogbarruu eegun ni hojjetamas jedhameera.

Kitaabilee barreessitoota buleeyyii fi haaraa maxxansuun dhaloota haaraaf dhiyeessuun kallattii karoora waldichaa baranaa ta’uun kan ibsame yoo ta’u, waarii aartii qopheessuun, ogbarruu fi jaalattoota walitti fiduun, kitaabota maaxxanfaman dubbistootaan ga’uun hojiilee fuulduree ta’uu ibsameera.

Waldaan barreessitootaa Oromoo miseensotaa 300 ol kan qabuudha.

Shallamaa Kabbeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.