Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee deebisaanii ijaaruu cimsuun biyya Sabdannessumaan foyyoofte ijaaruuf mootummaan murannoon hojjechaa jira-Obbo Adam Faaraahi

Finfinnee, Eebla 19, 2015 (FBC) – Mootummaa fi Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Tigraay, Amaaraa fi Afaaritti hojiilee deebisaanii ijaaruu cimsuun biyyaa Sabdannessumaan foyyooftee ijaaruuf murannoon hojjechaa jiraachuu Itti Aaanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhina Obbo Adam Faaraahi ibsan.

Jilli Ittaanaa pireezidaantii Paartii Badhaadhina Obbo Adaam Farrahi durfamuu simannaa miiraa Ityoophiyuumaan magaalaa Maqaaleetti taasisaniif galateffataniiru.

Ummatni Ityoophiyaa bilisummaa Ityoophiyaa kabaachisuuf Ityoophiyaanoota biroo waliin ta’uun qabsa’uu ibsuun, Ityoophiyaanoonni carraan egeree isaanii kan walitti hidhameedha jedhan.

Fedhiin Ummata Tigraay kan kabajamuufi milkaa’uu Ityoophiyaanoota fi Obbolotaa biroo waliin waloon hojjechuun wayita danda’amudha jedhan.

Mootummaa Fi Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Tigraay ,Amaaraa fi Afaaritti hojiilee deebisaanii ijaaruu cimsuun biyyaa Sabdannessumaan foyyooftuu ijaaruuf Mootummaan murannoon ni hojjeta kan jedhan Obbo Adam, Miidhaan walitti bu’iinsi qaqqabsise olaanaa ta’uus tumsaan saffisaan dandamachisuun akka danda’amuu eeraniiru.

Pireezidaantoonnii Naannoolee fi Kantibaawwan magaalootaa daawwanichi Nageenyaa mirkanneessuuf tokkummaan waloo kan irratti mul’atee ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf lammiileen Ityoophiyaa Biyyaa Alaa fi biyyaa keessaa hundi deeggarsa akka taasisan gafaataniiru.

Pireezidaantiin bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaan gama isaaniin, jillichi daawwanaa naanichattii taasiseen sababa walitti bu’iinsaa bakkeewwan miidhaan irra qaqqabee daawwachuun tumsaa mirkanneessaniif galateeffataniiru.

Hojiilee deebisaanii ijaaruu ariifachisuun nageenyaa waaraa mirkanneessuuf hirmannaan waloo cimee itti fufuu akak qabuu Obbo Geetachoon gaafataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.