Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee Daldala seeraan alaa faayidaa biyyaa miidhan to’achuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Mudde 22, 2017 (FMC)-Mootummaan hojiilee daldalaa seeraan alaa faayidaa bu’uuraa biyyaalessaa miidhan to’achuuf hojiileen hojmaataa fi imaammataan deeggaraman hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsi Naannawaa ibse.

Manni Maree Daldalaa fi Waldaalee Seektaraa Itiyoophiyaa Yaa’ii biyyaalessaa 3ffaa gaggeesseera.

Yaa’icharratti ilaalchisee Ministirri Ministeerichaa Dooktar Kaasaahuun Goofeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, daldalli seeraan alaa sirna daldalaa jeequun diinagdee biyyaa haalaan kan miidhuu fi hubannoo hawaasaa gabbisuun walta’insaan irratti qabsaa’uu qabna jedhan.

Eeyyama malee daldaluu, oomisha hangaa fi iddoo hayyamamee alatti sochoosuu, oomisha kuusuun hanqinni akka uumamu taasisuu, sababa quubsaa hin taaneen gatii oomishaalee dabaluun gurguruu fi kanneen biroon gochaalee seeraan alaa damichaa ta’uu himaniiru.

Daldalli seeraan alaa fi kontiroobaandiin sirna daldala seera qabeessaa jeequudhaan miidhaa olaanaa biyyarraan akka gahu ibsanii, mootummaanis rakkoolee kanneen furuuf hojiilee hojjeteen bu’aan argamaa jiraachuu kaasaniiru.

Bara bajataa 2016 meeshaalee kontiroobaandii fi daldala seeraan alaatiin galuufi bahuuf turan waliigalaan Birrii biiliyoona 15.5’tti tilmaamamu to’achuun miidhaa diinagdee biyyaarra gahuuf ture baraaruun akka danda’me himaniiru.

Daldaltoonni hojii biyyaaf faayidaa qabuuf gumaachan akkuma jiran kanneen biyya miidhaanii ofiif fayyadamuudhaaf carraaqanis waan jiraniif, waltaanee irratti haa qabsoofnu jedhuun dhaamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.