Fana: At a Speed of Life!

Hojiile qaala’iinsa jireenyaa dandamachiisan xiyyeeffannaan hojjenna-Aadde Adaanech

Finfinnee, Adoolessa 1, 2015 (FBC)- Hojiilee ummanni qaala’iinsa jireenyaa akka dandamatu taasisanii xiyyeeffannaa kennuun kan hojjetamu ta’uu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Manni marichaa walaga’ii idilee 2ffaa bara hojii 4ffaa har’a gaggeessuu eegaleera.

Olmaa guyyaa har’aatiinis, gabaasaa raawwii karooraa Bulchiinsa Magaalichaa Kantiibaa Adaanech Abeebeen dhiyaate sagalee guutuun raggaasiseera.

Miseensonni mana marichaas, rakkoolee kenniinsa tajaajilaa fi qaal’iinsa jireenyaan walqabatanii mul’ataan sirreessuuf bulchiinsi magaalichaa hojiilee eegalee cimsee akka itti fufu hubachiisaniiru.

Nageenyaa magaalattii mirkaneessuufis hojiilee hawaasa hirmaachisan cimanii itti fufu akka qaban eeramaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa Aadde Adaanecha Abeeben ummanni qaala’iinsa jireenyaa akka dandamatuu fi dhiibbaa jireenyaa salphisuuf xiyyeeffannan garagaraa kennuun bara baajataa dhufanitti akka hojjetaman ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.