Hojii yakka malaamaltummaa ittisuu hojmaata teeknooloojiin deeggaruun barbaachisaadha-Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Bitootessa 16, 2017 (FMC) – Hojiin yakka malaamaltummaa ittisuu bu’a qabeessa akka ta’uuf hojmaata teeknooloojiin deeggarame ammayyessuun barbaachisaa ta’uu Ministirri Muummee itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan ibsan.
Obbo Tamasgeen Xurunaan hojii yakka malaamaltummaa ittisuurratti qooda fudhattoota waliin mari’achuu ibsaniiru.
Marii isaanin, qindoomina hojmaataa fi raawwii hojii irratti mari’achuu himaniiru.
Dhaabbiileen hojmaata qindoomina qabu teeknooloojiin deeggaruun ammayyeessuun, hojmaanni qabsoo farra malaammaltummaarratti waloon taasifamuun cimee akka itti fufu kallattii kaa’aniiru.
#Oromia #Ethiopia