Fana: At a Speed of Life!

Hojii to’annoo kontiroobaandii hojjetameen qabeenya biyyaa Birrii biiliyoona 2.8 baraaruun danda’ame – Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2017 (FBC) – Kurmaana jalqabaa bara 2017 keessa hojii to’annoo kontiroobaandii hojjetameen qabeenya biyyaa Birrii biiliyoona 2.8 baraaruun danda’amuu Poolisiin Federaalaa beeksiise.

Poolisiin Raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara 2017 gamaaggameera.

Poolisiin Federaalaa Komishiinii Gumrukaa waliin hojii to’annoo kontiroobaandii qindoominaan hojjetaniin qabeenya biyyaa Birrii biiliyoona 2.8 baraaruun danda’amuu Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel ibsaniiru.

Gama qorannoo yakkaatiin kurmaana kana keessa hojiiwwan hedduun kan raawwataman yoo ta’u, miseensonni garee shororkeessitootaa fi finxaaleyyii Finfinnee fi magaalota biyyattii garaagaraatti nagaa fi tasgabbii hawaasaa booressuuf socho’aa turan hedduun to’annoo jala ooluu ibsaniiru.

Daddabarsa namoota seeraan alaa to’achuuf Oppireeshinii hojjetameen namoota karaa seeraan alaa namoota daddabarsan hedduun to’atamuun seeraan akka gaafataman taasiifamuus kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.