Hojii Misooma Sululaan Kunuunsi Biyyoo fi Bishaanii xiyyeeffannoo olaanaa barbaada jedhame
Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC) – Ogeeyyiin godinaalee Oromiyaarraa walitti babba’an hojii misooma sululaa Godina Harargee Lixaattii muuxannoo qooddataa jiru.
Sirna daawwannaa har’a eeglamerratti Bulchituun Godinichaa Aadde Ekraam Xahaa “Nu’iif hojiiin misooma sululaa dhimma jiraachuu lubbuu ummataa keenyaati jedhan.
Hojiin misooma sululaa, kunuunsa qabeenya bishaanii fi biyyoo dhimma murteessaadha ta’uu Hogganan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Abarraa Warquu ibsaniiru.
Muuxannoo Harargee Lixaa fudhachuun barbaachisaa akka ta’es himaniiru.
Godina Harargee Lixaatti sululoota gurguddoo lamaan jiran sululaa Waabee Raammisii fi Awaash keessaa sululli Waabee Raammis sululaa guddicha %69 qooddatuudha.
Dabalaa Taaddasaatu Gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.