Fana: At a Speed of Life!

Hojii misooma qamadii itti fufsiisuun nyaataan of danda’uu qaban- Obbo Awwal Arbaa

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2015(FBC)- Hojii misooma qamadii eegalle itti fufsiisuun nyaataan of danda’uu qaban jedhan Pireezidaantiin naannoo Afaar Obbo Awwal Arbaan.

Obbo Awwal Arbaan hoggantoota aanaaleefi oomishtoota  qamadii naannichaa waliin mari’ataniiru.

Hawaasni naannichaa naannawaa oomishini misooma qamadii itti gaggeeffamuu damichaaf xiyyeeffannoo barbaachisaa kennuu akka qabu eeraniiru.

Hojii oomisha qamadiin eegalan daran cimsuun nyaataan of danda’uu qabna jechuu miidiyaan naannichaa gabaaseera.

Sochiin kun diinota abdii kan kutachiisu ta’uufi guddina naannichaaf tarkaanfii tokko ta’uu dubbataniiru.

Xiyyeeffannoo misooma qamadiif sadarkaa biyyaatti kenname bu’uura godhachuun hojii bu’aa qabeessa hojjechuuf qaamoleen dhimmamtootaa hundi kutannoon hojjechuu akka qaban eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.